Seenaa Hayyoota Addunyaa Pdf
Oromoof qabeenyaa guddaadha. Asafaafi hayyoota keenya akka addunyaatti waan baay’eetiin adda ta’an bifa kitaabaatiin yeroo dhiyootti kan qopheessinee dhalootaaf raabsinu yoo ta’u, ammaaf jireenya Asafaarraa dhaloonni maal barata kan jedhuunan goolaba. Cimanii/jabaatanii barnoota ofiitti cichanii garaa diinotaa gubuu.
FAAYIDAA DUBBISUU!! ~ “Inni ‘Maannew’ jennaan Ani maal inniin jedhe Afaan keenya waldhabe Akka qadaada qabee”.jedha uummanni naannoon ani itti dhaladhee yeroo Nafxanyaa naannoosaa qubatte qeequ Yaa Uummata Oromoo, har’a waanan dubbisaa ooleef faayidaan dubbisuun dhala namaaf qabu maali? Dabangg 2 song fulauri bina chatni mp3.
Kan jedhu siniif qooduufan dirqame. Gorsi dhimmi faayidaa dubbisuurratti ani kanaa gaditti siniif dhaamu kun akka singargaartu abdiin qaba.Waliif akka dabarsitanis nan abdadha!!!
Dubbisuun jireenya. Barataa, daldalaa, qotee bulaa, jaarsa, oogganaa siyaasaafi amantiilee taanus hindubbinu taanaan akki itti addunyaa kana ilaaalluufi injifachuu dandeenyu baay’ee gadi bu’aa ta’a. Namni hindubbine yeroo baay’ee nama hamataafi odeessituu ta’uusaa argitu. Kun mallattoo nama barruuwwan garaagaraa hindubbineeti!!Egaa dubbisuun jireenya kan jennuuf, jiruufi jireenya dhala namaa keessatti dubbisuun iddoo ol aanaa qaba jechuudha. Namnis hanguma dubbise jiraata.
Amaleeffannaa biyyoota ambaa keessatti dubbisuun akka aadaatti ilaalama. Kanaafuu har’a dubbisaa bor geggeessaa (to day reader tomorrow a leader) jedhu. Dubbisuun Ogummaawwan barbaachisoo bu’aa qabeessummaa egeree dhala namaa murteessanidha. Barattoonni barruuwwan hin beekne gargaarsa malee, saffisa barbaachisaa ta’een dubbisanii, muuxannoo barbaachisaa akka irraa argataniif waa’ee dubbisuu beekuu qabu. Keessumattuu sabni Oromoo aadaa dubbisuu horatee dararama sabasaarra kaleessa tureef har’a deebii kennuuf kitaabota addunyaarratti barreeffamanii jiran hedduu isaanii sakatta’anii kan dhuunfaasaa barreessuutu isarraa eegama.
Ogummaa dubbisuu gonfachuun afaan dhalootaafis ta’ee, afaan alagaa cimsachuuf nu gargaara. Fakkeenyaaf kitaabilee barnootaa yoo fudhanne kunis sirna barnootaa karaalee /dhaabbilee/ mootummaa fi miti mootummaa ta’e keessatti bifa barnootaatiin barreeffamoota dhiyaatan akka hubannu taasisa. Namni (barataan) yeroo hunda dubbisuun dhimma barnootaa keessatti barataa cimaa/hayyuu/ta’uuf kan isa dandeessisu ogummaa addaa gonfachuu danda’a. Dubbisuun haala jireenyaa kamuu keessatti faayidaa guddaa qaba. Ogummaawwan afaanii warreen biroofis akka bu’uuraatti ilaalama. Yaada kana hyyoonni Bright and McGregor (1972) “the major language skill that enables learners to grasp ideas, facts, concepts and thoughts is reading.” Jedhu.
Keessumattuu kan akka bara keenyaa ammayyummaafi takinoolojiin baldhinaan saffisaa jiru keessatti ta’iiwwan addunyaa karaan ittiin argatan karaan adda ta’e dubbisuudha. Faayidaa dubbisuu ilaalchisee Sesnan (2003) “Reading is one of the basic skills which every one accepts is essential for survival in the modern world.” jedha. Yaaduma kana kan jabeessu Irwin (1967) skills in reading are most important so as to enable students to understand the social and economic situation of the world and their environment. Akkuma hiika dubbisuu hayyoota kanaan kennameetti barnootis ta’e jirrenyi dubbisuun ala galma ga’insa hinqabu. Ogumni dubbisuu sadarkaa barnootaa gadaanaati ka’e xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuu qaba. Yaada kana Namid (2005: 7), “At primary level all teachers must be teachers of reading.” jechuun cimsa.
Kanaafuu barataan sadarkaa gadaanaatti mala dubbisuu hunda to’ate yeroo sadarkaa olaanaarra ga’u nimilkooma. Jalqabbii gaariin xumuraaf aggaammidha. Dubbisuun odeeffannoo adda addaa karaalee barruulee garaagaraa maxxanfamanii bahan argachuuf gargaara.
Kana jechuunis, barreeffamni/kitaabileen/ adda addaa hayyoota garaagaraatiin, dhimmoota jiruufi jireenya dhala namaatiin wal-qabatee yeroo yerootti bahaa oola. Kana hubachuuf immoo dubbisuun lafee dugdaati.
Chitiya kalaiya song download mallumusic. Addunyaan irra jiraannu kana irratti guyyaa guyyaan wantoota nama ajaa’ibsiisaniifi wantoota nama gaddisiisantu raawwatama. Kun immoo naannoo keenya qofaatti waan hin taaneef hubachuun baay’ee rakkisaa ta’a. Kana hubachuuf warri ogeessa galaalchaa ta’an karaa barruutiin dubbistoota biraan gahu. Dubbisaa cimaan arga yaadaatiin addunyaa daawwachaa oola. Faayidaan dubbisuu kanbiraan bashannanaafidha.
Kunis, kitaabileen garaagaara kanneen akka asoosamaa, baacoo, walaloofi kan kana fakkatan kaayyoo bashannansiisuutiif kan barreefaman nijiru. Aartiin Oromoo kunis bashannansiisaa barumsa dabarsuu waan danda’uuf dubbisuun ergaa isaa argachuu dandeenya. Yeroo akkasiis yaadaan addunyaa gaddaa keessaa baanee gara addunya tasgabbii qabuutti baqachuuf ta’uu mala. Barbaachisummaa Ogummaa dubbisuu ilaalchisee, Harris (1970) Mueller (1983:202) keessatti, “ Reading ability is recognized as centrally important, since without it very little academic learning can go on” jechuun ibsa. Ogummaa dubbisuu horachuun amantiiwwan hordofnu marti kitaabilee madda amantichaa ta’an waan qabuuf, kanneenis dubbisuun maalummaa amantichaa mirkaneefannee hordofuufis ta’ee dhiisuuf dubbisaa cimaa ta’uun baay’ee barbaachisaadha. As keessatti seerawwan kitaabichaallee addaan baasanii beekuuf; wantoota kitaabicha keessatti dhorkaa ta’aniifi eeyyamaman addaan baasanii hubachuuf kitaabicha dubbisuun adda baafachuun danda’ama. Ilmi namaa seenaawwan adda addaa keessa darbee dhaloota har’aa qaqqabe.